Ergaa Koonfiransii Qo’anno Bara 2014

Kolleejjiin Iisti Afrikaa Daa’ima Saaffisa guddaan guuddataa jiruu fi mul’ata guddaa qabuudha. Kolleejjichi Karoora uwwusa barnoota qulqulluu biyyi keenaa qabattee kaate galmaan gayuu fi Gahee leencaa bayatuuf karoorfatee imala isaa wudda eega oole bulee jira. Koolleejjiin Iist Afrikaa Akka Dhaabbilee Barnoota olaanotti gahee isarraa eegamu hundaa, Cee’umsa biyyaa, Qulqullina barnoota, Qorannoo fi qu’annoo akkasumas rakkoo hawaasa diinagdee hiiku irratti xiyyeefatee adda durmaan hojjataa jira. Koonfaransiin har’aa kunis waanuma kana nuuf dhugoomsa.

Kolleejjichi yeroo umrii daa’imummaa kana keessatti gama baruuf barsiisun Lammiilee onnachiise barnoota qulqulluu lammii hunda biraan gayuuf Dhaadannoo(Moottoo) barachuun jijjiramaaf (Mottoo) jedhu qabatee imala milkaa’inaa irra deemaa jira. Baay’ina caala qulqullina irratti kan xiyeefatu Kolleejjiin Iisti Afrikaa, yeroo ammaa kana barnoota gulanataalee garagaraan keenna kan jiru yoo ta’u, isaanis Barnoota Digrii lammaffaa, Digiri duraa sagantaa idileen, Torban, galgalaa fi fagoon hawaasa keenna jijjiruuf cimee halkanii guyyaa wojjataa jira. Kanaanis bara 2031 Dhaabbilee barnoota biyyattii keessatti argam keessaa Dhabbata filatama tayee hojjatuuf mul’ata qabatee socho’aa jira.

Namoota sababa hojiif fi sababa rakkoo garagaraan barnoota hin argatinis Carraa barnoota isaanif kennuuf jecha barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9 fi 10 nis sagantaa barnoota Fagoon barsiisa jira. Yeroo dhiyootti Mummewwan barnoota haarawa Digirii duraa fi digrii 2ffaan barsiisuf qorannoo fedhii gabaa fi ulaagale barbaachisu hunda xumuree jira.

Kolleejjiin Isti Afrikaa Keenninsa Tajaajila hawaasummaa irrattis kara garagaraan Yeroodha yerootti cimee ka itti hirmaata jiru yoo ta’u. Kaampasii Yabelloo irratti baasi hunda uwwisuun namoota barnoota bu’uura baratan simatee mooraa ufii keessatti barsiisa jira. Akkasumas baratoota harka qalleeyii, Dubartoota, qaama Miidhamtoota fi namoota Hirmaannaa tajajajila hawaasummaa keessatti gahee leenca qaban simatee barnoota bilisaa barsiisa ka jiru yoo ta’u woluma galatti Kolleejjichi haga Ammatti namoota 100 ol tayan Sadarkaa barnoota garagaraan barsiisa ture barsiisas Jira.

Kolleejjin Iist Afrikaa hirmaannaa hawaasumaa gama hundaa cimsee kan itti fufaa jiru yoo ta’u isaan keessa Mallaqa guddaa Arjoomun qorannoo fedhii gabayaa Ogummaa fi teeknikaa akka magaala keennatti taasifame irrattis hirmaannaa gahee leencaa godhe jira. Kana Malees Hawaasa ufii hirmaachisuun Dhaabbilee Fayyaaf Uffata halkanii , Bankii dhiigaaf Dhiiga, baratoota harka Qalleeyyif Dabtara fi qalama arjoome jira.

Kana malees Dhabbilee barnoota sadarkaa lammaffaa woliin tayuu qulqullina barnootaa hundee irraa cimsuuf oggeyyii barnoota isaatti fayyadamuun deggarsa ogummaa fi leenjii garagaraa Manneen barnoota sadarkaa lammaffaa kennuuf manneeen barnoota magala keenna keessatti argaman woliinis ciminaan hojjataa jira.

Gama Wolitti hidhamiinsa university biyya keessaa fi biyya Alaanis wolqabatee Kelleejjin Iisti Afrkiaa Sadarkaa fakeenyumaa tayuu dandayu irra gayee jira. Kunis Hojjatoota kolleejjichaaf fi baratoota kolleejjichaaf carraa barnoota biyya Alaa uumuuf carra bal’aa gumaacha jedhamee Abdatama.

Haaluma kanaan yuunivarsiitota biyya Alaa Woliin wolii galtee wolitti hidhamiinsa uumee kan dalagaa jiru yoo ta’u Intigeral university (India) fi Avarsiyaa universiitin(Turkey) akka fakkenyatti eeruun ni dandayan. Uf duras bara kana keessa universitota 4 woliin woliigaltee mallatteessuf karoora qabatee sochaa jira. Kunis woljijjiraa baratoota, fi barsiisotaa godhuuf karoora qabanneef galtee(input) guddaa nuuf taya, carraa barnoota qulqullu lammif kennuu daran ka mirkaneessu taya.

Gama qo’annof fi qorannoonitis Kolleejjiin Iisti Afrikaa hojii bonsaa heddu wojjata jira. Koonfaransiin har,aa kunis Agarsiiftu waan kanaati jennee fudhachuu dandeenna. Kolleejjin keenna rakkoon Ammayyaaf furmaata ammayaa barbaada jedhee kan amanu yoo ta’u qorannoowwan rakko hawaasa diinagdee hikuu dandayn hojjachuun rakkoo hawasa keennaa furuf imala isaa tokko(1) jedhee eegale jira. Bara kana keessa qorannoo idil adunyaawa(international research symposium) godhuuf karoora qabatee socho’aa kan jiru kolleejjin Iisti Afrikaa, hanqina fi qulqillina gama qorannoo fi qorannootin dhaabbilee barnoota olaano keenna keessatti mul’atan hundee irraa furuuf dirqama isa irraa eeggamu dhabbatoota obboleeyyi(Sister university) woliin woltayiinsan hojjatuuf fedha guddaa ka qabu yoo ta’u Asumaan dhaabbile barnoota fi dhaabbilee qorannoo garagaraa irratti hirmaatuf karoora fi fedha qabaniif waamicha dabrsa.

Dhuma irrattis Namoota milkaa’ina qorannoo kanaaf dhabbii fi nuffii tokko malee nucinaa dhabbatani milka’ina guyyaa har’aaf shoora guddaa taphatan koree qindeessitu koonfaransii irraa jalqabee haga hirmaattota koonfaransii kanaatti galata guddaan galchaaf.

Qorannoon kun qorannoo rakkoon hawasa keennaa ittin furamuu fi hayyoonni garagaraa irratti muuxannoof yaada fi muuxannoo qaban akka nuuf tayu hawwii qabu iniif ibsaa Yeroo turtii gaari akka isiniif tayu jedha. Namoonni konfaransi kana irratti argamtanii fi dhaamsi kun isin gaye hundii Ambasadara kollejjii keenna tayuun nuwoliin akka hojjattan kabajaan waamicha isiniif godha. Koon faransichi haaluma sagantaa qabameetin kan deemsifamu taya. Galatoomaa Ulfaadha woyyamaa.

Post Your Comment Here

Your email address will not be published.